-
1 Saamuʼel 31:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Akka kanaan, Saaʼol, ilmaan isaa sadan, namichi meeshaa waraanaa isaaf baatuu fi namoonni isaa hundi guyyaa sanatti waluma faana ni duʼan.+
-
-
1 Seenaa Baraa 10:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Achiis Saaʼol namicha meeshaa waraanaa isaaf baatuun, “Namoonni dhaqna hin qabanne kun dhufanii akka na hin waraannee fi gara jabinaan akka na hin dhiphisnetti+ goraadee kee luqqifadhuutii na waraani” jedhe. Haa taʼu malee, namichi meeshaa waraanaa isaaf baatu sun baayʼee waan sodaateef isa waraanuu dide. Kanaafuu, Saaʼol goraadee fudhatee irratti kufe.+
-
-
1 Seenaa Baraa 10:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Akka kanaan, Saaʼolii fi ilmaan isaa sadan ni duʼan; namoonni mana isaa hundis waluma faana ni duʼan.+
-