LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Saamuʼel 28:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Filisxeemonni walitti qabamanii dhaqanii Shunaam+ keessa buufatan. Saaʼolis Israaʼelota hundumaa walitti qabe; isaanis Gilboʼaa+ keessa buufatan.

  • 2 Saamuʼel 1:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Isin gaaronni Gilboʼaa,+

      Fixeensi isin irratti hin buʼin yookiin bokkaan isin irratti hin roobin;

      Maasiiwwan keessanis buusii qulqulluu hin argamsiisin;+

      Sababiin isaas, achi irratti gaachanni namoota jajjaboo xuraaʼeera,

      Gaachanni Saaʼolis kana booda zayitii hin dibamu.

  • 1 Seenaa Baraa 10:1-5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Filisxeemonni Israaʼelotaa wajjin wal waraanaa turan. Namoonni Israaʼelis Filisxeemota duraa ni baqatan; baayʼeen isaanii Gaara Gilboʼaa irratti ni ajjeefaman.+ 2 Filisxeemonni Saaʼolii fi ilmaan isaa hordofanii baayʼee itti dhihaatan; achiis Filisxeemonni ilmaan Saaʼol kan taʼan Yonaataan, Abinaadaabii fi Malkishuwaa+ ni ajjeesan. 3 Waraanichis Saaʼol irratti cimaa deeme; warri xiyya darbatanis isa argatanii isa madeessan.+ 4 Achiis Saaʼol namicha meeshaa waraanaa isaaf baatuun, “Namoonni dhaqna hin qabanne kun dhufanii akka na hin waraannee fi gara jabinaan akka na hin dhiphisnetti+ goraadee kee luqqifadhuutii na waraani” jedhe. Haa taʼu malee, namichi meeshaa waraanaa isaaf baatu sun baayʼee waan sodaateef isa waraanuu dide. Kanaafuu, Saaʼol goraadee fudhatee irratti kufe.+ 5 Namichi meeshaa waraanaa isaaf baatu Saaʼol duʼuu isaa yommuu argu, innis goraadee isaa irratti kufee duʼe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi