-
1 Seenaa Baraa 11:4-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Boodas Daawitii fi Israaʼelonni hundi gara Yerusaalemitti, jechuunis gara Yebuus+ bakka Yebuusonni+ biyyattii keessa itti jiraachaa turanitti qajeelan. 5 Jiraattonni Yebuusis, “Ati matumaa as hin seentu!” jedhanii Daawititti qoosan.+ Haa taʼu malee, Daawit dahoo Xiyoon+ ishii yeroo ammaatti Magaalaa Daawit+ jedhamtu qabate. 6 Kanaafuu, Daawit, “Namni jalqaba Yebuusota rukutu kam iyyuu ajajaa fi geggeessaa ni taʼa” jedhe. Achiis Yoʼaab+ ilmi Zeruuyaa jalqaba ol ni baʼe; innis ajajaa taʼe.
-