-
2 Saamuʼel 5:6-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Mootichii fi namoonni isaa Yebuusota+ warra biyyattii keessa jiraatan waraanuuf gara Yerusaalemitti baʼan. Isaanis, “Ati matumaa as hin seentu! Jaamonnii fi naafonni illee si ariʼu” jedhanii Daawititti qoosan. Isaan, ‘Daawit matumaa as hin seenu’ jedhanii yaadanii turan.+ 7 Haa taʼu malee, Daawit dahoo Xiyoon ishii yeroo ammaatti Magaalaa Daawit+ jedhamtu qabate. 8 Kanaafuu, Daawit guyyaa sanatti, “Warri Yebuusota rukutan, ‘naafotaa fi jaamota’ warra Daawit jibbu* sana rukutuuf boʼoo bishaanii keessa darbuu qabu!” jedhe. “Jaamonnii fi naafonni matumaa manichatti hin seenan” kan jedhame kanaafi. 9 Achiis Daawit dahoo sana keessa jiraachuu jalqabe; dahoon sunis Magaalaa Daawit jedhame;* Daawit Koobicha*+ irrattii fi magaalattii keessa bakka kan biraatti dallaawwanii fi gamoowwan kan biraa ijaaruu jalqabe.+ 10 Akka kanaan Daawit caalaatti jabaachaa deeme;+ Yihowaan Waaqni Raayyaas isaa wajjin jira ture.+
-