-
Baʼuu 23:23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Sababiin isaas, maleekaan koo si dura buʼee gara Amoorotaa, Heetotaa, Pheriizotaa, Kanaʼaanotaa, Hiiwotaa fi Yebuusotaatti si fida; anis haxaaʼee isaan nan balleessa.+
-
-
Abbootii Murtii 1:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Kana malees, namoonni Yihudaa Yerusaalemiin+ waraananii ishii qabatan; magaalattii goraadeedhaan rukutanii ibidda itti gadhiisan.
-
-
Abbootii Murtii 1:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Biiniyaamonni garuu Yebuusota Yerusaalem keessa jiraachaa turan hin ariine; kanaafuu, Yebuusonni hanga harʼaatti Biiniyaamotaa wajjin Yerusaalem keessa jiraachaa jiru.+
-