-
1 Seenaa Baraa 14:10-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Daawitis, “Ol baʼee Filisxeemota waraanuu? Harka kootti dabarsitee isaan ni kennitaa?” jedhee Waaqayyoon gaafate. Yeroo kanatti Yihowaan, “Ol baʼi, anis harka keetti dabarsee isaan nan kenna” isaan jedhe.+ 11 Kanaafuu, Daawit gara Baʼaal Peraaziimitti+ ol baʼee achitti isaan ni rukute. Yeroo kanatti Daawit, “Akkuma bishaan ittisa isaa cabsee baʼutti, Waaqni dhugaan diinota koo harka kootiin ni caccabse” jedhe. Isaan maqaa iddoo sanaa Baʼaal Peraaziim* jedhanii kan moggaasan kanaafi. 12 Filisxeemonnis waaqolii isaanii achumatti dhiisan; yommuu Daawit ajaja kennettis ibiddaan isaan ni guban.+
-