-
2 Saamuʼel 5:19-21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Daawitis, “Ol baʼee Filisxeemota waraanuu? Harka kootti dabarsitee isaan ni kennitaa?” jedhee Yihowaa gaafate.+ Yeroo kanatti Yihowaan Daawitiin, “Ani Filisxeemota harka keetti dabarsee waanan kennuuf, ol baʼi” jedhe.+ 20 Kanaafuu, Daawit gara Baʼaal Peraaziim dhufee achitti isaan rukute. Yeroo kanatti Daawit, “Akkuma bishaan ittisa isaa cabsee baʼutti, Yihowaan diinota koo na duratti ni caccabse” jedhe.+ Inni maqaa iddoo sanaa Baʼaal Peraaziim*+ jedhee kan moggaase kanaafi. 21 Filisxeemonnis waaqolii tolfamoo isaanii achumatti dhiisan; Daawitii fi namoonni isaas isaan fudhatan.*
-