-
1 Seenaa Baraa 13:12-14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Kanaafuu, Daawit guyyaa sanatti Waaqa dhugaa waan sodaateef, “Taabota Waaqa dhugaa akkamittan gara kootti fudhachuu dandaʼa?” jedhe.+ 13 Daawit Taaboticha gara Magaalaa Daawit isa inni keessa jiraatutti hin fidne; kanaa mannaa, gara mana Obeed Edoom isa nama Gaat taʼeetti akka geeffamu godhe. 14 Taabonni Waaqa dhugaa sunis maatii Obeed Edoomii wajjin jiʼa sadiif mana isaa keessa taaʼe; Yihowaanis maatii Obeed Edoomii fi wanta inni qabu hunda ni eebbise.+
-