-
2 Saamuʼel 6:9-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Kanaafuu, Daawit guyyaa sanatti Yihowaa waan sodaateef,+ “Taabonni Yihowaa akkamitti gara koo dhufuu dandaʼa?” jedhe.+ 10 Daawit Taabota Yihowaa gara Magaalaa Daawit+ isa inni keessa jiraatutti fiduu hin barbaanne. Kanaa mannaa, Daawit Taabotichi gara mana Obeed Edoom+ isa nama Gaat* taʼeetti akka geeffamu godhe.
11 Taabonni Yihowaa jiʼa sadiif mana Obeed Edoom isa nama Gaat taʼe keessa taaʼe; Yihowaanis Obeed Edoomii fi guutummaa maatii isaa ni eebbise.+
-