-
1 Saamuʼel 13:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Yeroo kanatti Saamuʼel Saaʼoliin akkana jedhe: “Ati hojii gowwummaa hojjetteetta. Ajaja Waaqni kee Yihowaan siif kenneef hin ajajamne.+ Utuu ajajamteetta taʼee, Yihowaan mootummaan kee Israaʼel irratti bara baraaf jabaatee akka dhaabbatu ni godha ture. 14 Amma garuu mootummaan kee itti hin fufu.+ Ati ajaja Yihowaan siif kenneef waan hin ajajamneef,+ Yihowaan nama akka garaa isaa taʼe ni argata;+ akka inni geggeessaa taʼus Yihowaan saba ofii isaa irratti isa ni muuda.”+
-
-
1 Saamuʼel 15:27, 28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Yommuu Saamuʼel garagalee deemuuf jedhu, Saaʼol fiixee uffata isaa qabate; uffatichis ni tarsaʼe. 28 Yeroo kanatti Saamuʼel akkana isaan jedhe: “Yihowaan harʼa bulchiinsa mootummaa Israaʼel si irraa tarsaaseera; inni nama si irra wayyuuf dabarsee ni kenna.+
-
-
1 Saamuʼel 16:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Yeroo booda Yihowaan Saamuʼeliin, “Inni Israaʼel irratti mootii taʼee akka hin bulchine isa tuffadhee utuun jiruu,+ ati hamma yoomiitti Saaʼoliif gaddita?+ Miʼa gaanfaa keetti zayitii guuttadhuutii+ deemi. Ilmaan isaa gidduudhaa nama mootii naaf taʼu waanan filadheef,+ gara Issey+ isa nama Beetaliheem taʼetti sin erga” jedhe.
-