LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Seenaa Baraa 19:1-5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Boodas mootiin Amoonotaa Nahaash ni duʼe; ilmi isaas bakka isaa mootii taʼe.+ 2 Yeroo kanatti Daawit, “Abbaan isaa jaalala amanamaa waan anatti argisiiseef, anis Hanuun ilma Nahaashitti jaalala amanamaa nan argisiisa”+ jedhe. Kanaafuu, Daawit sababa duʼa abbaa isaatiif akka isa jajjabeessaniif ergamtoota gara isaatti ni erge. Haa taʼu malee, tajaajiltoonni Daawit Hanuuniin jajjabeessuuf yommuu gara biyya Amoonotaa+ dhufan, 3 bulchitoonni Amoonotaa Hanuuniin, “Daawit namoota si jajjabeessan gara keetti kan erge, abbaa kee kabajee sitti fakkaataa? Tajaajiltoonni isaa gara kee kan dhufan, biyyattii akka gaariitti qoruuf, siin garagalchuu fi biyyattii basaasuuf jedhanii mitii?” jedhan. 4 Kanaafuu, Hanuun tajaajiltoota Daawit irraa areeda isaanii haadee,+ akkasumas uffata isaanii mudhii isaaniitii gaditti irraa muree isaan erge. 5 Namoonni sun akka malee qaanaʼanii waan turaniif, Daawit waaʼee kanaa yommuu dhagaʼu yeruma sana namoota kan biroo gara isaaniitti erge; achiis mootichi, “Hamma areedni keessan deebiʼee guddatutti Yerikoo+ keessa turaa; sana booda deebiʼaa kottaa” isaaniin jedhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi