LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Saamuʼel 10:1-5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Boodas mootiin Amoonotaa+ ni duʼe; ilmi isaa Hanuunis bakka isaa mootii taʼe.+ 2 Yeroo kanatti Daawit, “Akkuma abbaan isaa jaalala amanamaa anatti argisiise, anis Hanuun ilma Nahaashitti jaalala amanamaa nan argisiisa” jedhe. Kanaafuu, Daawit sababa duʼa abbaa isaatiif akka isa jajjabeessaniif tajaajiltoota isaa gara isaatti ni erge. Haa taʼu malee, tajaajiltoonni Daawit yommuu gara biyya Amoonotaa dhufan, 3 bulchitoonni Amoonotaa Hanuun gooftaa isaaniitiin, “Daawit namoota si jajjabeessan gara keetti kan erge, abbaa kee kabajee sitti fakkaataa? Daawit tajaajiltoota isaa gara keetti kan erge, magaalattii akka gaariitti qoruuf, ishii basaasuu fi ishii garagalchuuf jedhee mitii?” jedhan. 4 Kanaafuu, Hanuun tajaajiltoota Daawit areeda isaanii walakkaatti irraa haadee,+ akkasumas uffata isaanii mudhii isaaniitii gaditti irraa muree isaan erge. 5 Namoonni sun akka malee qaanaʼanii waan turaniif, Daawit waaʼee kanaa yommuu dhagaʼu yeruma sana namoota gara isaaniitti erge; achiis mootichi, “Hamma areedni keessan deebiʼee guddatutti Yerikoo+ keessa turaa; sana booda deebiʼaatii kottaa” isaaniin jedhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi