-
1 Seenaa Baraa 19:10-13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Yoʼaab fuulduraa fi duubaan loltoonni isatti dhufaa akka jiran yommuu argu, loltoota ciccimoo Israaʼel keessa jiran keessaa muraasa filatee warra Sooriyaa loluuf waraanaaf isaan hiriirse.+ 11 Namoonni hafan immoo ajaja* obboleessa isaa Abishaay+ jala taʼanii Amoonota waraanuuf akka hiriiran godhe. 12 Achiis akkana isaan jedhe: “Warri Sooriyaa+ yoo natti ciman ati dhuftee na gargaarta; Amoononni yoo sitti ciman immoo ani sin gargaara. 13 Saba keenyaaf, akkasumas magaalota Waaqa keenyaatiif jennee jabaachuu fi onnachuu qabna;+ Yihowaanis wanta isa duratti gaarii taʼe ni godha.”
-