-
2 Saamuʼel 10:9-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Yoʼaab fuulduraa fi duubaan loltoonni isatti dhufaa akka jiran yommuu argu, loltoota ciccimoo Israaʼel keessa jiran keessaa muraasa filatee warra Sooriyaa loluuf waraanaaf isaan hiriirse.+ 10 Namoonni hafan immoo ajaja* obboleessa isaa Abishaay+ jala taʼanii Amoonota+ waraanuuf akka hiriiran godhe. 11 Achiis akkana isaan jedhe: “Warri Sooriyaa yoo natti ciman ati dhuftee na gargaarta; Amoononni yoo sitti ciman immoo ani dhufeen si gargaara. 12 Saba keenyaa fi magaalota Waaqa keenyaatiif jennee jabaachuu fi onnachuu qabna;+ Yihowaanis wanta isa duratti gaarii taʼe ni godha.”+
-