-
Abbootii Murtii 9:50-53Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
50 Achiis Abimelek gara Tebeez ni deeme; Tebeezitti marsees ishii ni qabate. 51 Walakkaa magaalattii masaraan cimaa taʼe tokko jira ture; dhiironnii fi dubartoonni hundi, akkasumas geggeessitoonni magaalattii hundis achitti baqatan. Isaan of irratti cufanii gara baaxii masaraa sanaatti ol baʼan. 52 Abimelekis gara masaraa sanaa dhaqee isa rukute. Ibidda itti gadhiisuufis gara karra masaraa sanaatti siqe. 53 Yeroo kanatti dubartiin takka mataa Abimelek irratti majii gadhiistee buqqee mataa isaa buruqsite.+
-