-
Iyyaasuu 16:5-8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Daangaan sanyii Efreem akka maatii maatii isaaniitti kan armaan gadii ti: Karaa bahaatiin daangaan dhaala isaanii Ataarot Adaarii+ hamma Beet Hooron Ishii Oliitti+ yeroo taʼu, 6 daangaan sunis galaanicha bira gaʼa. Karaa kibbaatiin daangaan sun Mikmetaat+ yeroo taʼu, karaa bahaatiin naannaʼee gara Taʼaanaat Shiilootti qajeela; achi irra darbees karaa bahaatiin gara Yaanoʼaatti qajeela. 7 Achiis Yaanoʼaadhaa gara Ataarotii fi Naʼaaraatti gad buʼee Yerikoo+ bira gaʼuudhaan hamma Yordaanositti qajeela. 8 Achiis Taaphuʼaa+ irraa kaʼee karaa dhihaatiin gara Laga Gogaa Qaanaatti itti fufee galaanicha biratti dhaabbata.+ Dhaalli gosa Efreemiif akka maatii maatii isaaniitti kenname kana dha;
-