-
2 Saamuʼel 19:25-27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Inni mooticha simachuuf yommuu gara Yerusaalem* dhufetti mootichi, “Mefibosheet, anaa wajjin kan hin deemne maaliifi?” isaan jedhe. 26 Yeroo kanatti Mefibosheet akkana jedhe: “Yaa gooftaa koo yaa mootii, tajaajilaan koo+ na gowwoomse. Ani tajaajilaan kee naafa+ waanan taʼeef, ‘Harree koo naa feʼaa; irra taaʼeen mootichaa wajjin deema’ jedheen ture. 27 Inni garuu gooftaa koo mooticha duratti maqaa tajaajilaa keetii balleesse.+ Haa taʼu malee, gooftaan koo mootichi akka maleekaa Waaqa dhugaa ti; kanaafuu, wanta gaarii fakkaatee sitti mulʼate hundumaa godhi.
-