-
1 Seenaa Baraa 21:24-28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Daawit Mootichi garuu Ornaaniin, “Hin taʼu, gatii guutuu kaffalee si irraa bituun qaba; wanta kan kee taʼe fudhadhee Yihowaadhaaf hin dhiheessu; yookiin wantan gatii itti hin baasne aarsaa gubamu godhee hin dhiheessu” jedhe.+ 25 Kanaafuu, Daawit gatii iddoo sanaa warqii sheeqilii* 600 madaalee Ornaaniif ni kenne. 26 Achiis Daawit bakka sanatti Yihowaadhaaf iddoo aarsaa ijaaree,+ aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan gamtaa dhiheesse; Yihowaas ni waammate; innis yeroo kanatti aarsaawwan iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu sana irra jiran gubuuf samii irraa ibidda erguudhaan deebii isaaf ni kenne.+ 27 Achiis Yihowaan maleekaan sun goraadee isaa manʼee isaatti akka deebisu isa ajaje.+ 28 Yeroo sanatti, Daawit Yihowaan bakka oobdii Ornaan Yebuusichaatti akka isaaf deebise yommuu argu, achitti aarsaa dhiheessuu isaa itti fufe.
-