-
1 Mootota 8:17-19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Abbaan koo Daawitis mana maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliif taʼu ijaaruun hawwii garaa isaa ture.+ 18 Yihowaan garuu abbaa koo Daawitiin akkana jedhe: ‘Mana maqaa kootiif taʼu ijaaruun hawwii garaa keetii ture; garaa keetti kana hawwuun kee gaarii dha. 19 Haa taʼu malee, ati manicha hin ijaartu; kanaa mannaa mana maqaa kootiif taʼu kan ijaaru ilma kee isa si irraa dhalatu* dha.’+
-