LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Saamuʼel 7:1-3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Mootichi mana* isaa keessa jiraachuu yommuu jalqabee+ fi Yihowaanis diinota isaa warra naannoo isaa jiran hundumaa irraa yommuu boqonnaa isaaf kennetti, 2 Naataan+ raajichaan, “Taabonni Waaqa dhugaa dunkaana keessa taaʼee utuu jiruu,+ kunoo ani mana muka gaattiraatiin ijaarame keessa jiraachaan jira”+ jedhe. 3 Naataanis, “Yihowaan sii wajjin waan jiruuf dhaqi, wanta garaa kee keessa jiru hundumaa raawwadhu” jedhee mootichaaf deebise.+

  • 1 Seenaa Baraa 17:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Daawit mana* isaa keessa jiraachuu akkuma jalqabeen Naataan+ raajichaan, “Taabonni kakuu Yihowaa dunkaana keessa taaʼee utuu jiruu,+ kunoo ani mana muka gaattiraatiin+ ijaarame keessa jiraachaan jira” jedhe. 2 Naataanis, “Waaqni dhugaan sii wajjin waan jiruuf, wanta garaa kee keessa jiru hundumaa raawwadhu” jedhee Daawitiif deebise.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi