-
2 Saamuʼel 7:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 “Dhaqi, tajaajilaa koo Daawitiin akkana jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Ati mana ani keessa jiraadhu naaf ijaaruu qabdaa?+
-
-
1 Seenaa Baraa 22:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Daawit ilma isaa Solomooniin akkana jedhe: “Ani gama kootiin, maqaa Waaqa koo Yihowaatiif mana ijaaruun hawwii garaa kootii ture.+ 8 Haa taʼu malee, dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: ‘Ati dhiiga hedduu dhangalaasteetta; waraanawwan guguddaa irrattis hirmaatteetta. Ati na duratti lafa irratti dhiiga hedduu waan dhangalaasteef, maqaa kootiif mana hin ijaartu.+
-