LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 5:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 “Abbaan koo Daawit hanga Yihowaan diinota isaa faana miila isaa jala isaaf galchutti kallattii hundumaatiin waraanni waan isa irratti banamaa tureef, maqaa Waaqa isaa Yihowaatiif mana ijaaruu akka hin dandeenye akka gaariitti beekta.+

  • 1 Mootota 8:17-19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Abbaan koo Daawitis mana maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliif taʼu ijaaruun hawwii garaa isaa ture.+ 18 Yihowaan garuu abbaa koo Daawitiin akkana jedhe: ‘Mana maqaa kootiif taʼu ijaaruun hawwii garaa keetii ture; garaa keetti kana hawwuun kee gaarii dha. 19 Haa taʼu malee, ati manicha hin ijaartu; kanaa mannaa mana maqaa kootiif taʼu kan ijaaru ilma kee isa si irraa dhalatu* dha.’+

  • 1 Seenaa Baraa 17:4-6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 “Dhaqi, tajaajilaa koo Daawitiin akkana jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Mana ani keessa jiraadhu kan naaf ijaaru si miti.+ 5 Ani guyyaan Israaʼeliin biyya Gibxiitii baasee jalqabee hanga guyyaa harʼaatti, dunkaana isa tokkoo gara isa kan biraatti, akkasumas godoo qulqulluu isa tokkoo gara isa kan biraatti* deemaan ture malee mana keessa hin jiraanne.+ 6 Yeroon Israaʼelota hundumaa wajjin deemaa ture hundatti, abbootii murtii Israaʼel warra ani saba koo akka tiksaniif muude keessaa isa tokkoon illee, ‘Muka gaattiraatiin maaliif mana naaf hin ijaarre?’ jedhee beekaa?”’

  • 1 Seenaa Baraa 22:7, 8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Daawit ilma isaa Solomooniin akkana jedhe: “Ani gama kootiin, maqaa Waaqa koo Yihowaatiif mana ijaaruun hawwii garaa kootii ture.+ 8 Haa taʼu malee, dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: ‘Ati dhiiga hedduu dhangalaasteetta; waraanawwan guguddaa irrattis hirmaatteetta. Ati na duratti lafa irratti dhiiga hedduu waan dhangalaasteef, maqaa kootiif mana hin ijaartu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi