-
Hisqiʼel 41:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Kutaawwan garanaa fi garasiin jiran darbii sadii kan ol dheeratan yeroo taʼu, inni tokko isa kan biraa irra jira ture; tokkoon tokkoon darbii irras kutaawwan 30tu jira ture. Baattuuwwan kutaawwan sana deggeranii fi girgiddaa mana qulqullummaatti marsanii argaman jiru turan; kunis deggertuuwwan sun girgiddaa mana qulqullummaa sana keessa akka hin seenneefi.+ 7 Mana qulqullummaa sana garanaa fi garasiin daandii jajalʼaan* gara kutaawwan warra oliitti ol baasu jira ture.+ Namni tokko darbii isa gidduu keessa darbee darbii isa gadii irraa gara darbii isa oliitti yeroo ol baʼu balʼinni dalga isaa darbii irraa gara darbiitti dabalaa deema.
-