-
1 Mootota 6:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Kutaan dabalataa inni gadii dalgi isaa dhundhuma shan ture; kutaan inni gidduu kutaa isa gadii irratti ijaarame dalgi isaa dhundhuma jaʼa ture; kutaan inni olii immoo dalgi isaa dhundhuma torba ture; inni manichatti naannessee baattuuwwan* waan tolcheef, girgiddaawwan manichaa wajjin wanti wal qabate tokko illee hin turre.+
-
-
1 Mootota 6:10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Inni kutaawwan dabalataa tokkoon tokkoon isaanii dhundhuma shan shan ol dheeratan manichatti naannessee ijaare;+ kutaawwan kunis saanqaawwan gaattiraatiin manichaa wajjin walitti qabsiifamanii turan.
-