16 Manicha keessa gara duubaatiin kutaa dhundhuma 20 taʼu tokko lafa isaatii jalqabee hanga baattuuwwan baaxii isaatti saanqaa gaattiraatiin ni ijaare; achi keessatti immoo kutaa isa keessaa,+ jechuunis Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe+ ni ijaare.