-
2 Seenaa Baraa 3:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Achiis inni kutaa* isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe ni ijaare;+ dheerinni isaa dalga manichaa wajjin qixxee kan ture yeroo taʼu, dhundhuma 20 ture; dalgi isaas dhundhuma 20 ture. Innis warqii baʼeessa taalaantii* 600n isa ni uwwise.+ 9 Ulfaatinni warqii mismaaronni ittiin tolfaman sanaa sheeqilii* 50 ture; inni kutaawwan baaxii irraa warqiidhaan ni uwwise.
-