LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Seenaa Baraa 3:10-13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Achiis kutaa* Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe keessatti bifawwan kiruubelotaa lama hojjetee warqiidhaan isaan uwwise.+ 11 Qoochoowwan* kiruubelotaa+ walumaa galatti dhundhuma 20 dheeratu turan; qoochoon kiruubel isa jalqabaa inni tokko dhundhuma shan kan dheeratu yeroo taʼu, innis girgiddaa manichaa ni tuqa ture; qoochoon isaa inni kan biraanis dhundhuma shan kan dheeratu yeroo taʼu, innis qoochoowwan kiruubel isa kan biraa keessaa isa tokko ni tuqa ture. 12 Akkasumas, qoochoon kiruubel isa kan biraa inni tokko dhundhuma shan kan dheeratu yeroo taʼu, innis girgiddaa manichaa isa kan biraa ni tuqa ture; qoochoon isaa inni kan biraanis dhundhuma shan kan dheeratu yeroo taʼu, innis qoochoowwan kiruubel isa jalqabaa keessaa isa tokko ni tuqa ture. 13 Qoochoowwan kiruubelotaa diriiran kun dhundhuma 20 turan; kiruubelonni kunis fuula isaanii gara keessaatti* garagalchanii miila isaaniitiin dhaabbatanii turan.

  • 2 Seenaa Baraa 5:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Kanaafuu, qoochoowwan kiruubelotaa sun bakka Taabotichi taaʼu irratti diriiranii turan; kanaan kan kaʼes, kiruubelonni sun Taabotichaa fi danqaraawwan+ isaa gubbaadhaan golganii turan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi