7 Iddoon aarsaa sibiila diimaa+ inni Solomoon hojjete, aarsaawwan gubaman,+ aarsaawwan midhaanii+ fi cooma+ sana qabachuu waan hin dandeenyeef, Solomoon aarsaawwan gubamanii fi cooma aarsaawwan gamtaa sana achitti dhiheessuuf, gidduu mooraa isa mana Yihowaa dura jiru ni qulqulleesse.