-
2 Mootota 25:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Utubaan kun tokkoon tokkoon isaa ol dheerinni isaa dhundhuma* 18 yeroo taʼu,+ gubbeen isa irra jirus sibiila diimaa irraa kan tolfame ture; ol dheerinni gubbee isaa dhundhuma sadii yeroo taʼu, saaphanichii fi romaanonni naannoo gubbee sanaa irratti marsanii jiran hundi sibiila diimaa irraa kan tolfaman turan.+ Utubaan inni lammaffaanii fi saaphanni isaas akkuma kanaa ture.
-
-
2 Seenaa Baraa 3:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Inni funcaawwan amartii mormaa fakkaatan hojjetee mataa utubaawwan sanaa irra ni kaaʼe; romaanota 100 hojjetees funcaawwan sana irra ni kaaʼe.
-
-
Ermiyaas 52:22, 23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Gubbeen isa irra jirus sibiila diimaa irraa kan tolfame ture; ol dheerinni gubbee tokkoo dhundhuma shan ture;+ saaphanichii fi romaanonni naannoo gubbee sanaa irratti marsanii jiran hundi sibiila diimaa irraa kan tolfaman turan. Utubaan inni lammaffaanii fi romaanonni sunis akkuma kanaa turan. 23 Cinaawwan isaa irratti romaanonni 96 jiru turan; walumaa galatti romaanonni 100 saaphanichatti marsanii jiru turan.+
-