-
1 Mootota 7:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Kana malees, mataa utubaawwan kanaa irra kaaʼuuf, sibiila diimaa baqsee gubbeewwan lama ni hojjete. Gubbeen inni tokko dhundhuma shan ol dheerata; gubbeen inni kan biraanis dhundhuma shan ol dheerata ture.
-
-
1 Mootota 7:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Gubbeewwan sun utubaawwan lamaan sana irra, bakka saaphanichatti aansee jiruu olitti argamu turan; romaanonni 200 tarree kaaʼamanis guutummaa gubbeewwan lamaaniitti naannaʼanii jiru turan.+
-
-
Ermiyaas 52:21-23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Utubaawwan kun tokkoon tokkoon isaanii ol dheerinni isaanii dhundhuma* 18 yeroo taʼu, utubaan tokko naannoon isaa wadaroo safaraatiin dhundhuma 12 taʼa ture;+ furdinni isaa immoo hamma balʼina quba harkaa* arfanii yeroo taʼu, keessi isaa qaawwa ture. 22 Gubbeen isa irra jirus sibiila diimaa irraa kan tolfame ture; ol dheerinni gubbee tokkoo dhundhuma shan ture;+ saaphanichii fi romaanonni naannoo gubbee sanaa irratti marsanii jiran hundi sibiila diimaa irraa kan tolfaman turan. Utubaan inni lammaffaanii fi romaanonni sunis akkuma kanaa turan. 23 Cinaawwan isaa irratti romaanonni 96 jiru turan; walumaa galatti romaanonni 100 saaphanichatti marsanii jiru turan.+
-