-
1 Mootota 7:15-20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Innis sibiila diimaa baqsee utubaawwan lamaan+ ni hojjete; utubaawwan kun tokkoon tokkoon isaanii ol dheerinni isaanii dhundhuma 18 yeroo taʼu, utubaawwan lamaan kun tokkoon tokkoon isaanii naannoon isaanii wadaroo safaraatiin dhundhuma 12 taʼu turan.+ 16 Kana malees, mataa utubaawwan kanaa irra kaaʼuuf, sibiila diimaa baqsee gubbeewwan lama ni hojjete. Gubbeen inni tokko dhundhuma shan ol dheerata; gubbeen inni kan biraanis dhundhuma shan ol dheerata ture. 17 Gubbeewwan sanas saaphana isa funcaa xixinnoo akka wadarootti dhaʼame irraa hojjetameen miidhagsanii turan;+ gubbeen inni tokko saaphana torba, gubbeen inni kan biraanis saaphana torba qaba ture. 18 Innis gubbeewwan mataa utubaawwan sana irra jiran uwwisuuf, romaanota tarree lamaan saaphana isa tokkotti marsan ni hojjete; utubaawwan lamaaniifuu wanta wal fakkaatu ni hojjete. 19 Gubbeewwan mataa utubaawwan barandaa bira jiran sana irra jiran irratti fakkiin abaaboo ol dheerinni isaa dhundhuma afur taʼe bocamee ture. 20 Gubbeewwan sun utubaawwan lamaan sana irra, bakka saaphanichatti aansee jiruu olitti argamu turan; romaanonni 200 tarree kaaʼamanis guutummaa gubbeewwan lamaaniitti naannaʼanii jiru turan.+
-