LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 25:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Kaladoonnis utubaawwan sibiila diimaa+ mana Yihowaa, gaariiwwanii+ fi Galaana sibiila diimaa+ warra mana Yihowaa keessa turan ni caccabsan; sibiila diimaa sanas gara Baabilonitti ni geessan.+

  • 2 Mootota 25:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Utubaan kun tokkoon tokkoon isaa ol dheerinni isaa dhundhuma* 18 yeroo taʼu,+ gubbeen isa irra jirus sibiila diimaa irraa kan tolfame ture; ol dheerinni gubbee isaa dhundhuma sadii yeroo taʼu, saaphanichii fi romaanonni naannoo gubbee sanaa irratti marsanii jiran hundi sibiila diimaa irraa kan tolfaman turan.+ Utubaan inni lammaffaanii fi saaphanni isaas akkuma kanaa ture.

  • 2 Seenaa Baraa 3:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Achiis fuuldura manichaatti utubaawwan+ dhundhuma 35 dheeratan lama ni hojjete; gubbeen tokkoon tokkoon mataa utubaa sanaa irra jirus dhundhuma shan ture.+

  • Ermiyaas 52:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Utubaawwan kun tokkoon tokkoon isaanii ol dheerinni isaanii dhundhuma* 18 yeroo taʼu, utubaan tokko naannoon isaa wadaroo safaraatiin dhundhuma 12 taʼa ture;+ furdinni isaa immoo hamma balʼina quba harkaa* arfanii yeroo taʼu, keessi isaa qaawwa ture.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi