LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 7:15-22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Innis sibiila diimaa baqsee utubaawwan lamaan+ ni hojjete; utubaawwan kun tokkoon tokkoon isaanii ol dheerinni isaanii dhundhuma 18 yeroo taʼu, utubaawwan lamaan kun tokkoon tokkoon isaanii naannoon isaanii wadaroo safaraatiin dhundhuma 12 taʼu turan.+ 16 Kana malees, mataa utubaawwan kanaa irra kaaʼuuf, sibiila diimaa baqsee gubbeewwan lama ni hojjete. Gubbeen inni tokko dhundhuma shan ol dheerata; gubbeen inni kan biraanis dhundhuma shan ol dheerata ture. 17 Gubbeewwan sanas saaphana isa funcaa xixinnoo akka wadarootti dhaʼame irraa hojjetameen miidhagsanii turan;+ gubbeen inni tokko saaphana torba, gubbeen inni kan biraanis saaphana torba qaba ture. 18 Innis gubbeewwan mataa utubaawwan sana irra jiran uwwisuuf, romaanota tarree lamaan saaphana isa tokkotti marsan ni hojjete; utubaawwan lamaaniifuu wanta wal fakkaatu ni hojjete. 19 Gubbeewwan mataa utubaawwan barandaa bira jiran sana irra jiran irratti fakkiin abaaboo ol dheerinni isaa dhundhuma afur taʼe bocamee ture. 20 Gubbeewwan sun utubaawwan lamaan sana irra, bakka saaphanichatti aansee jiruu olitti argamu turan; romaanonni 200 tarree kaaʼamanis guutummaa gubbeewwan lamaaniitti naannaʼanii jiru turan.+

      21 Inni utubaawwan barandaa mana qulqullummaa* sanaa ni dhaabe.+ Utubaa gara mirgaa* jiru dhaabee Yaakiin* jedhee moggaase; achiis utubaa gara bitaa* jiru dhaabee Boʼaaz* jedhee moggaase.+ 22 Mataan utubaawwan sanaa boca abaaboo qaba ture. Akka kanaan hojiin utubaawwan sanaa ni xumurame.

  • 2 Mootota 25:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Utubaan kun tokkoon tokkoon isaa ol dheerinni isaa dhundhuma* 18 yeroo taʼu,+ gubbeen isa irra jirus sibiila diimaa irraa kan tolfame ture; ol dheerinni gubbee isaa dhundhuma sadii yeroo taʼu, saaphanichii fi romaanonni naannoo gubbee sanaa irratti marsanii jiran hundi sibiila diimaa irraa kan tolfaman turan.+ Utubaan inni lammaffaanii fi saaphanni isaas akkuma kanaa ture.

  • 2 Seenaa Baraa 4:11-13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Kana malees Hiiraam miʼawwan daaraa, akaafaawwanii fi saaniiwwan golboo ni hojjete.+

      Kanaafuu, Hiiraam mana Waaqa dhugaa ilaalchisee hojiiwwan Solomoon Mootichaaf hojjetu ni xumure;+ 12 isaanis, utubaawwan lamaan,+ akkasumas gubbeewwan boca saanii golboo qabanii fi mataa utubaawwan lamaan irra jiran, saaphanawwan+ lamaan warra gubbeewwan boca saanii golboo qabanii fi mataa utubaawwan sana irra jiran lamaan miidhagsuuf oolan, 13 romaanota+ 400 saaphanawwan lamaaniif tolfaman, jechuunis romaanota tokkoon tokkoon saaphanaa irratti tarree lamaan jiranii fi gubbeewwan boca saanii golboo qaban lamaan warra utubaawwan sana irra jiran miidhagsuuf hojjetaman,+

  • Ermiyaas 52:22, 23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Gubbeen isa irra jirus sibiila diimaa irraa kan tolfame ture; ol dheerinni gubbee tokkoo dhundhuma shan ture;+ saaphanichii fi romaanonni naannoo gubbee sanaa irratti marsanii jiran hundi sibiila diimaa irraa kan tolfaman turan. Utubaan inni lammaffaanii fi romaanonni sunis akkuma kanaa turan. 23 Cinaawwan isaa irratti romaanonni 96 jiru turan; walumaa galatti romaanonni 100 saaphanichatti marsanii jiru turan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi