-
2 Seenaa Baraa 6:14-17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 akkana jedhe: “Yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, tajaajiltoota isaa warra garaa isaanii guutuudhaan isa dura deemaniif kakuu isaa kan eeguu fi jaalala amanamaa kan argisiisu samii irrattis taʼe lafa irratti Waaqni akka keetii hin jiru.+ 15 Ati waadaa tajaajilaa kee abbaa koo Daawitiif galte eegdeetta.+ Waadaa afaanuma keetiin galtes harʼa harkuma keetiin raawwatteetta.+ 16 Ammas yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, waadaa, ‘Akkuma ati na dura deemte, ilmaan kee akka seera kootti deemuudhaan daandii isaaniitiif xiyyeeffannaa yoo kennan, sanyii kee keessaa namni teessoo Israaʼel irra taaʼu matumaa na duraa hin dhabamu’+ jettee tajaajilaa kee abbaa koo Daawitiif galte sana eegi.+ 17 Ammas yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, waadaan ati tajaajilaa kee Daawitiif galte haa raawwatamu.
-