-
Keessa Deebii 7:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Waaqni kee Yihowaan Waaqa dhugaa, Waaqa amanamaa, Waaqa warra isa jaallatanii fi ajajawwan isaa eeganiif hamma dhaloota kumaatti kakuu isaa eeguu fi jaalala amanamaa argisiisu taʼuu isaa akka gaariitti beekta.+
-
-
1 Mootota 8:23-26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 akkana jedhe: “Yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, tajaajiltoota isaa warra garaa isaanii guutuudhaan isa dura deemaniif+ kakuu isaa kan eeguu fi jaalala amanamaa+ kan argisiisu ol samii irrattis taʼe gad lafa irratti Waaqni akka keetii hin jiru.+ 24 Ati waadaa tajaajilaa kee abbaa koo Daawitiif galte eegdeetta. Waadaa afaanuma keetiin galtes harʼa harkuma keetiin raawwatteetta.+ 25 Ammas yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, waadaa, ‘Akkuma ati na dura deemte, ilmaan kee na dura deemuudhaan daandii isaaniitiif xiyyeeffannaa yoo kennan, sanyii kee keessaa namni teessoo Israaʼel irra taaʼu matumaa na duraa hin dhabamu’ jettee tajaajilaa kee abbaa koo Daawitiif galte sana eegi.+ 26 Ammas yaa Waaqa Israaʼel, maaloo, waadaan ati tajaajilaa kee abbaa koo Daawitiif galte haa raawwatamu.
-