-
Keessa Deebii 12:5, 6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Kanaa mannaa, gara bakka Waaqni keessan Yihowaan maqaa isaatiif, akkasumas iddoo jireenyaa isaa akka taʼuuf guutummaa gosoota keessanii gidduudhaa filatu sanaa dhaqaatii achitti isa waaqeffadhaa.+ 6 Aarsaawwan keessan warra gubaman,+ aarsaawwan keessan warra kaan, kurnoowwan keessan,*+ buusii harka keessan irraa kennitan,+ kennaawwan wareegaa keessan, kennaawwan keessan warra fedhiidhaan kennitan,+ akkasumas loonii fi bushaayee keessan keessaa warra jalqaba dhalatan achitti geessitu.+
-
-
1 Mootota 8:28, 29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Ammas yaa Waaqa koo Yihowaa, kadhannaa tajaajilaan kee dhiheessuu fi wawwaannaa fudhatama argachuuf dhiheessu xiyyeeffannaadhaan dhagaʼi; iyya tajaajilaan kee gargaarsa argachuuf dhageessisuu fi kadhannaa harʼa si duratti dhiheessu dhaggeeffadhu. 29 Kadhannaa tajaajilaan kee gara bakka kanaatti dhiheessu dhagaʼuuf, halkanii fi guyyaa ijji kee gara bakka ati, ‘Maqaan koo achi ni taʼa’+ jette kanaatti kan baname haa taʼu.+
-