-
Uumama 49:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Yihudaan ilmoo leencaa ti.+ Yaa ilma koo, ati wanta adamsite irraa dhugumaan ol ni kaata. Inni akkuma leencaatti ni ripha; ni hihiixatas; inni akkuma leencaa ti; maarree isa kaasuuf eenyutu onnata?
-
-
Lakkoofsa 23:24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Sabni akka leencaatti ol kaʼu kunoo ti,
Inni akkuma leencaatti kaʼee ni dhaabbata.+
Inni isa adamse hamma nyaatutti,
Dhiiga warra qalamaniis hamma dhugutti hin ciisu.”
-
-
Lakkoofsa 24:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Inni akkuma leencaatti ripheera, ciiseeras,
Inni akka leencaa ti, eenyutu isa dammaqsuuf onnata?
Warri si eebbisan eebbifamoo dha,
Warri si abaaranis abaaramoo dha.”+
-