-
1 Mootota 11:31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Achiis Yeroboʼaamiin akkana jedhe:
“Erbee kurnan kana ofii keetiif fudhadhu; sababiin isaas, Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Kunoo, ani mootummicha harka Solomoon irraa tarsaasee, gosoota kudhan siif nan kenna.+
-
-
1 Mootota 12:32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 Kana malees, Yeroboʼaam jiʼa saddeettaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa 15ffaatti ayyaana isa ayyaana Yihudaa keessatti ayyaaneffatamuu wajjin wal fakkaatu tokko ni hundeesse.+ Iddoo aarsaa Beetelitti+ hojjete irratti jabbilee tolche sanaaf aarsaa ni dhiheesse; akkasumas Beetelitti iddoowwan ol kaʼoo hojjete sanaaf luboota ni ramade.
-
-
2 Seenaa Baraa 13:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Yeroboʼaam bara Abiyaatti deebisee humna argachuu hin dandeenye; achiis Yihowaan isa rukute; innis ni duʼe.+
-