-
2 Seenaa Baraa 10:1-4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Guutummaan Israaʼel mootii isa gochuuf gara Sheekem waan dhufaniif Rooboʼaam gara Sheekem+ ni dhaqe.+ 2 Yeroboʼaam+ ilmi Nebaat waaʼee kanaa akkuma dhagaʼeen (inni Solomoon Mootichaan kan kaʼe baqatee waan tureef, amma iyyuu Gibxii keessa jira ture),+ Yeroboʼaam Gibxiidhaa ni deebiʼe. 3 Achiis isaan itti erganii isa waamsisan; achiis Yeroboʼaamii fi guutummaan Israaʼel gara Rooboʼaam dhufanii akkana isaan jedhan: 4 “Abbaan kee waanjoo* keenya nutti ulfaachiseera.+ Garuu ati tajaajila ulfaataa abbaan kee nu irra kaaʼee fi waanjoo ulfaataa* inni nu irratti feʼe yoo nuu salphiste nuti si tajaajilla.”
-