-
2 Seenaa Baraa 16:1-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Waggaa 36ffaa bulchiinsa Aasaatti, Baʼaashaan+ mootiin Israaʼel Yihudaa waraanuuf dhufee eenyu iyyuu Aasaa mootii Yihudaa biraa akka gad hin baanee fi gara isaattis akka hin seenne* dhowwuuf Raamaa+ ijaaruu* jalqabe.+ 2 Yeroo kanatti Aasaan manneen qabeenyaa mana Yihowaa fi mana mootichaa keessaa meetii fi warqii fuudhee+ Benhadaad isa mootii Sooriyaa+ taʼee fi Damaasqoo keessa jiraachaa tureef ni erge; akkana isaan jedhe: 3 “Anaa fi si gidduu, abbaa koo fi abbaa kee gidduus walii galteen* jira. Ani meetii fi warqii siif ergeera. Inni ana irraa akka deebiʼuuf, kottuutii walii galtee* Baʼaashaa mootii Israaʼelii wajjin goote diigi.”
4 Benhadaadis Aasaa Mooticha dhagaʼee magaalota Israaʼeliin akka waraananiif ajajjoota raayyawwan waraanaa isaa ni erge; isaanis Iyooniin,+ Daaniin,+ Abeel Maayimiinii fi iddoowwan kuusaa magaalota Niftaalem hundumaa ni rukutan.+ 5 Baʼaashaanis wanta kana yommuu dhagaʼu, yeruma sana Raamaa ijaaruu* dhiise; hojichas ni dhaabe. 6 Achiis Aasaan Mootichi namoota Yihudaa hundumaa fudhatee deeme; isaanis dhagootaa fi saanqaawwan Raamaa+ isa Baʼaashaan ittiin ijaaraa ture+ sana fudhatanii deeman; innis wantoota kanatti fayyadamee Geebaa+ fi Misphaa+ ni ijaare.*
-