LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 32:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Achiis inni, “Ati Waaqayyoo fi namootaa wajjin waldhaansoo qabdee+ dhuma irratti waan mooteef, kana booda maqaan kee Israaʼel* jedhama malee Yaaqoob hin jedhamu”+ isaan jedhe.

  • Uumama 32:30
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Kanaafuu Yaaqoob, “Ani Waaqayyoon fuulleetti argeera; lubbuun koo garuu naaf oolteetti”+ jechuudhaan, maqaa iddoo sanaa Pheniʼel*+ jedhee moggaase.

  • Uumama 35:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Achiis, “Maqaan kee Yaaqoobi.+ Kana booda garuu maqaan kee Yaaqoob utuu hin taʼin Israaʼel jedhama” isaan jedhe. Innis Israaʼel jedhee isa waamuu jalqabe.+

  • Isaayyaas 48:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 48 Yaa mana Yaaqoob,

      Isin warri maqaa Israaʼeliin of waamtanii+ fi

      Bishaanota Yihudaa keessaa dhuftan,*

      Isin warri dhugaa fi qajeelummaadhaan taʼuu baatus+

      Maqaa Yihowaatiin kakattannii+ fi

      Maqaa Waaqa Israaʼel waammattan, kana dhagaʼaa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi