LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 13:1-5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 “Raajiin yookiin namni abjuudhaan waaʼee wanta gara fuulduraa ilaalu tokko si gidduudhaa kaʼee mallattoo yoo kenne yookiin raajii tokko yoo dubbate, 2 mallattoon yookiin raajiin inni sitti hime yoo raawwatame, innis, ‘Waaqolii kan biroo’ warra ati hin beekne, ‘duukaa buunee isaan haa tajaajillu’ yoo jedhe, 3 Waaqni keessan Yihowaan garaa keessan guutuu fi lubbuu* keessan guutuudhaan Waaqa keessan Yihowaa jaallachuu fi dhiisuu keessan beekuuf+ isin qoraa waan jiruuf,+ wanta raajichi yookiin namni abjuu abjuʼatu sun dubbate hin dhagaʼinaa.+ 4 Waaqa keessan Yihowaa duukaa buʼaa, isa sodaadhaa, ajajawwan isaa eegaa, sagalee isaa dhagaʼaa, isa tajaajilaa, akkasumas cimsaatii isa qabadhaa.+ 5 Raajiin yookiin namni abjuu abjuʼatu sun garuu daandii Waaqni keessan Yihowaan akka irra deemtan isin ajaje irraa akka gortan gochuuf, Waaqa keessan Yihowaa isa biyya Gibxii keessaa isin baasee fi mana garbummaa jalaa isin fure irratti akka finciltan waan isin jajjabeesseef haa ajjeefamu.+ Wanta hamaa taʼes of gidduudhaa balleessaa.+

  • Keessa Deebii 18:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 “‘Raajiin kam iyyuu of tuulummaadhaan kakaʼee wanta ani akka dubbatu isa hin ajajne yoo dubbate yookiin maqaa waaqolii kan birootiin yoo dubbate, raajiin sun haa ajjeefamu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi