-
Keessa Deebii 13:1-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 “Raajiin yookiin namni abjuudhaan waaʼee wanta gara fuulduraa ilaalu tokko si gidduudhaa kaʼee mallattoo yoo kenne yookiin raajii tokko yoo dubbate, 2 mallattoon yookiin raajiin inni sitti hime yoo raawwatame, innis, ‘Waaqolii kan biroo’ warra ati hin beekne, ‘duukaa buunee isaan haa tajaajillu’ yoo jedhe, 3 Waaqni keessan Yihowaan garaa keessan guutuu fi lubbuu* keessan guutuudhaan Waaqa keessan Yihowaa jaallachuu fi dhiisuu keessan beekuuf+ isin qoraa waan jiruuf,+ wanta raajichi yookiin namni abjuu abjuʼatu sun dubbate hin dhagaʼinaa.+ 4 Waaqa keessan Yihowaa duukaa buʼaa, isa sodaadhaa, ajajawwan isaa eegaa, sagalee isaa dhagaʼaa, isa tajaajilaa, akkasumas cimsaatii isa qabadhaa.+ 5 Raajiin yookiin namni abjuu abjuʼatu sun garuu daandii Waaqni keessan Yihowaan akka irra deemtan isin ajaje irraa akka gortan gochuuf, Waaqa keessan Yihowaa isa biyya Gibxii keessaa isin baasee fi mana garbummaa jalaa isin fure irratti akka finciltan waan isin jajjabeesseef haa ajjeefamu.+ Wanta hamaa taʼes of gidduudhaa balleessaa.+
-
-
Ermiyaas 28:11-17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Achiis Hanaaniyaan guutummaa sabichaa duratti akkana jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Anis akkuma kanaatti waggaa lama gidduutti waanjoo Nebukadnezaar mootii Baabilon morma saboota hundumaa irraa nan cabsa.’”+ Ermiyaas raajichis karaa isaa qajeele.
12 Hanaaniyaan raajichi waanjoo sana morma Ermiyaas raajichaa irraa erga cabsee booda, ergaan akkana jedhu Yihowaa biraa gara Ermiyaas ni dhufe: 13 “Dhaqiitii Hanaaniyaadhaan akkana jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Ati waanjoo mukaa kana cabsiteetta;+ haa taʼu malee, bakka isaa waanjoo sibiilaa ni tolchita.” 14 Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Isaan Nebukadnezaar mootii Baabilon akka tajaajilaniif, ani morma saboota kana hundumaa irra waanjoo sibiilaa nan kaaʼa; isaanis isa ni tajaajilu.+ Bineensota bosonaa illee isaaf nan kenna.”’”+
15 Achiis Ermiyaas raajichi Hanaaniyaa+ raajichaan akkana jedhe: “Yaa Hanaaniyaa, maaloo, dhagaʼi! Yihowaan si hin ergine; ati garuu sabni kun sobatti akka amanamu gooteetta.+ 16 Kanaan kan kaʼes, Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani lafa irraa sin balleessa. Yihowaa irratti fincila waan kakaasteef, ati waggaa kanatti ni duuta.’”+
17 Kanaafuu, Hanaaniyaan raajichi waggaa sanatti, jiʼa torbaffaatti ni duʼe.
-