-
Ermiyaas 27:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Ammas ani biyyoota kana hundumaa tajaajilaa koo kan taʼe Nebukadnezaar mootii Baabiloniif kenneera;+ akka isa tajaajilaniif bineensota bosonaa illee isaaf kenneera.
-
-
Daaniʼel 2:37, 38Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
37 Yaa mootii, ati mootii moototaa ti, Waaqni samii mootummaa, humna, jabinaa fi ulfina siif kenneera;+ 38 namoota bakka hundumaatti argaman, akkasumas bineensota bosonaa fi simbirroota samii harka keetti dabarsee kenneera; inni hunduma isaanii irratti bulchaa si godheera;+ mataan warqii sun suma dha.+
-