LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 25:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 ani maatiiwwan kaabaa hundumaatti,+ tajaajilaa koo kan taʼe Nebukadnezaar* mootii Baabilonittis dhaamsa ergee,+ biyya kana irratti, jiraattota ishii irrattii fi saboota naannoo kanatti argaman hundumaa irratti isaan nan fida”+ jedha Yihowaan. “Haxaaʼee isaan nan balleessa, wanta sodaachisaa fi kan itti siiqsamu akka taʼan, akkasumas yeroo hundumaatiif ona akka taʼan isaan nan godha.

  • Ermiyaas 28:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Isaan Nebukadnezaar mootii Baabilon akka tajaajilaniif, ani morma saboota kana hundumaa irra waanjoo sibiilaa nan kaaʼa; isaanis isa ni tajaajilu.+ Bineensota bosonaa illee isaaf nan kenna.”’”+

  • Ermiyaas 43:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Achiis akkana isaaniin jedhi: ‘Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Kunoo, ani Nebukadnezaar* mootii Baabilon isa tajaajilaa koo taʼe nan waama;+ teessoo isaas dhagoota ani dhokse kanaa ol nan kaaʼa; innis dunkaana mootummaa isaa isaan irratti ni diriirsa.+

  • Daaniʼel 2:37, 38
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 37 Yaa mootii, ati mootii moototaa ti, Waaqni samii mootummaa, humna, jabinaa fi ulfina siif kenneera;+ 38 namoota bakka hundumaatti argaman, akkasumas bineensota bosonaa fi simbirroota samii harka keetti dabarsee kenneera; inni hunduma isaanii irratti bulchaa si godheera;+ mataan warqii sun suma dha.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi