LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 28:49, 50
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 49 “Yihowaan andaara lafaa irraa saba biyya fagoodhaa dhufe tokko si irratti ni kaasa;+ inni akkuma risaan wanta adamsu irra buʼutti tasa si irra buʼa;+ sabni sunis saba ati afaan isaa hin dhageenye,+ 50 saba bifti isaa sodaachisaa taʼe, saba maanguddoota hin kabjnee fi daaʼimmaniif hin gaddine dha.+

  • Ermiyaas 5:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 “Yaa mana Israaʼel, kunoo ani fagoo irraa saba tokko gara keessanitti nan fida”+ jedha Yihowaan.

      “Innis saba bara dheeraa jiraate dha.

      Saba bara durii,

      Saba ati afaan isaa hin beekne,

      Qooqa isaas hubachuu hin dandeenye dha.+

  • Hisqiʼel 7:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Saboota keessaa namoota hundumaa caalaa hamoo taʼan nan fida;+ isaanis manneen isaanii dhaalaan ni fudhatu;+ anis of tuulummaan warra jajjaboo taʼan sanaa akka dhaabbatu nan godha; iddoowwan isaanii warri qulqulluunis ni xuraaʼu.+

  • Hisqiʼel 26:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 “Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani Nebukadnezaar* mootii Baabiloniin kaaba irraa Xiiros irratti nan fida;+ inni mootii moototaa ti;+ fardeen,+ gaariiwwan fardaa+ waraanaa, abbootii fardeenii fi raayyaa waraanaa loltoota* hedduu qabates qaba.

  • Hisqiʼel 29:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani biyya Gibxii Nebukadnezaar* mootii Baabiloniif nan kenna;+ innis qabeenya ishii ni fudhata, boojuu hedduus ishii keessaa ni fudhata, ni saamas; kunis gatii raayyaa waraanaa isaa ni taʼa.’

  • Anbaaqom 1:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Kunoo, ani Kaladoota,+

      Saba gara jabeessaa fi miiraan oofamu nan kaasa.

      Isaan mana kan isaanii hin taane fudhachuuf,

      Lafa balʼaa keessa ni fiigu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi