LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 28:49-51
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 49 “Yihowaan andaara lafaa irraa saba biyya fagoodhaa dhufe tokko si irratti ni kaasa;+ inni akkuma risaan wanta adamsu irra buʼutti tasa si irra buʼa;+ sabni sunis saba ati afaan isaa hin dhageenye,+ 50 saba bifti isaa sodaachisaa taʼe, saba maanguddoota hin kabjnee fi daaʼimmaniif hin gaddine dha.+ 51 Isaan hamma ati haxaaʼamtee baddutti ilmoolee horii keetii fi firii lafa keetii ni nyaatu. Isaan hamma si balleessanitti, midhaan, daadhii wayinii yookiin zayitii haaraa, jabbii yookiin ilmoo hoolaa tokko illee siif hin hambisan.+

  • Ermiyaas 5:15-17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 “Yaa mana Israaʼel, kunoo ani fagoo irraa saba tokko gara keessanitti nan fida”+ jedha Yihowaan.

      “Innis saba bara dheeraa jiraate dha.

      Saba bara durii,

      Saba ati afaan isaa hin beekne,

      Qooqa isaas hubachuu hin dandeenye dha.+

      16 Korojoon xiyyaa isaanii akkuma awwaala banamee ti;

      Hundi isaanii loltoota jajjaboo dha.

      17 Isaan oomisha kee fi nyaata kee ni nyaatu.+

      Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa kee ni nyaatu.

      Bushaayeewwanii fi horiiwwan kee ni nyaatu.

      Mukeetii wayinii fi mukeetii harbuu kee ni nyaatu.

      Magaalota kee warra dallaa dhagaa qaban warra ati itti amanamtus goraadeedhaan ni balleessu.”

  • Ermiyaas 6:22, 23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Yihowaan akkana jedha:

      “Kunoo, sabni tokko biyya kaabaa irraa ni dhufa,

      Sabni guddaan tokkos andaara lafaatii ni dammaqfama.+

      23 Isaan iddaa fi eeboo ni qabatu.

      Isaan gara jabeeyyii dha; gara laafinas hin qaban.

      Sagaleen isaanii akkuma galaanaatti huursa,

      Isaan fardeen irra taaʼanii gulufu.+

      Yaa intala Xiyoon, isaan akkuma loltuutti si waraanuuf tarree galanii dhaabbatu.”

  • Hisqiʼel 23:22, 23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 “Kanaafuu, yaa Oholibaa, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani warra si jaallatan, warra ati* jibbitee irraa garagalte sana nan kakaasa;+ kallattii hundumaa irraas si irratti isaan nan fida;+ 23 ilmaan Baabilonii+ fi Kaladoota+ hundumaa, namoota Pheeqod,+ namoota Shoʼaa fi namoota Qoʼaa ilmaan Asoor hundumaa wajjin si irratti nan fida. Hundi isaanii dargaggoota mimmiidhagoo, bulchitoota, bulchitoota gad aanoo, loltootaa fi namoota of eeggannoodhaan filataman* yeroo taʼan, hundi isaanii iyyuu farda gulufuu irratti dandeettii kan qabani dha.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi