LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 1:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Sababiin isaas, ‘Ani maatiiwwan mootummoota kaabaa hundumaa nan waama’ jedha Yihowaan,+

      ‘Isaanis ni dhufu; tokkoon tokkoon isaaniis

      Balbala karrawwan Yerusaalem irratti,+

      Guutummaa naannoo dallaawwan ishii irratti,

      Akkasumas guutummaa magaalota Yihudaa irratti teessoo isaanii ni dhaabu.+

  • Ermiyaas 4:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Kana gabaasaa, eeyyee, sabootatti himaa;

      Yerusaalem irratti labsaa.”

      “Basaastonni* biyya fagoodhaa dhufaa jiru,

      Magaalota Yihudaa irrattis ni iyyu.

  • Ermiyaas 25:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 ani maatiiwwan kaabaa hundumaatti,+ tajaajilaa koo kan taʼe Nebukadnezaar* mootii Baabilonittis dhaamsa ergee,+ biyya kana irratti, jiraattota ishii irrattii fi saboota naannoo kanatti argaman hundumaa irratti isaan nan fida”+ jedha Yihowaan. “Haxaaʼee isaan nan balleessa, wanta sodaachisaa fi kan itti siiqsamu akka taʼan, akkasumas yeroo hundumaatiif ona akka taʼan isaan nan godha.

  • Hisqiʼel 7:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Saboota keessaa namoota hundumaa caalaa hamoo taʼan nan fida;+ isaanis manneen isaanii dhaalaan ni fudhatu;+ anis of tuulummaan warra jajjaboo taʼan sanaa akka dhaabbatu nan godha; iddoowwan isaanii warri qulqulluunis ni xuraaʼu.+

  • Anbaaqom 1:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Kunoo, ani Kaladoota,+

      Saba gara jabeessaa fi miiraan oofamu nan kaasa.

      Isaan mana kan isaanii hin taane fudhachuuf,

      Lafa balʼaa keessa ni fiigu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi