-
Keessa Deebii 28:48-51Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
48 Yihowaan diinota kee sitti ni erga; atis beeloftee,+ dheebottee, daartee, akkasumas wanta hundumaa dhabdee utuu jirtuu isaan tajaajilta.+ Innis haxaaʼee hamma si balleessutti waanjoo sibiilaa morma kee irratti ni feʼa.
49 “Yihowaan andaara lafaa irraa saba biyya fagoodhaa dhufe tokko si irratti ni kaasa;+ inni akkuma risaan wanta adamsu irra buʼutti tasa si irra buʼa;+ sabni sunis saba ati afaan isaa hin dhageenye,+ 50 saba bifti isaa sodaachisaa taʼe, saba maanguddoota hin kabjnee fi daaʼimmaniif hin gaddine dha.+ 51 Isaan hamma ati haxaaʼamtee baddutti ilmoolee horii keetii fi firii lafa keetii ni nyaatu. Isaan hamma si balleessanitti, midhaan, daadhii wayinii yookiin zayitii haaraa, jabbii yookiin ilmoo hoolaa tokko illee siif hin hambisan.+
-
-
Hisqiʼel 21:31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Dheekkamsa koo si irratti nan dhangalaasa. Ibidda dheekkamsa kootii si irratti nan bobeessa; harka namoota gara jabeeyyii badiisa geessisuu irratti ogummaa qabaniittis dabarsee sin kenna.+
-
-
Anbaaqom 1:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
Isaan mana kan isaanii hin taane fudhachuuf,
Lafa balʼaa keessa ni fiigu.+
-