-
Ermiyaas 25:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 ani maatiiwwan kaabaa hundumaatti,+ tajaajilaa koo kan taʼe Nebukadnezaar* mootii Baabilonittis dhaamsa ergee,+ biyya kana irratti, jiraattota ishii irrattii fi saboota naannoo kanatti argaman hundumaa irratti isaan nan fida”+ jedha Yihowaan. “Haxaaʼee isaan nan balleessa, wanta sodaachisaa fi kan itti siiqsamu akka taʼan, akkasumas yeroo hundumaatiif ona akka taʼan isaan nan godha.
-
-
Hisqiʼel 29:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 “Yaa ilma namaa, Nebukadnezaar*+ mootiin Baabilon raayyaan waraanaa isaa Xiiros irratti hojii humnaa cimaa taʼe akka hojjetu godheera.+ Mataan hundi molateera, gateettiin hundis quncaʼeera. Haa taʼu malee, innis taʼe raayyaan waraanaa isaa humna Xiiros irratti dhangalaasaniif gatii tokko illee hin arganne.
-